***
Herd immunity, ittisa dhukkuba hawaasaa, ittisa dhukkuba Uummataa ykn ittisa dhukkuba gamtaa jedhamee waamama. Akka Gartuun Fayyaa Kutaa Minnesotaa jedhutti yeroo Uummatni lakkoofsa gddaan ykn lakkoofsa caalmiyaa yoo Talaali (vaccination) argatan ykn dhukkubsatanii yoo fayyan dukkubichaan deebi’anii hin qabamani yoo qabaman immoo yeroo dheeraa boddee ta’uu ni malaa.
Yeroo namootni harka calaan Talaali ykn ittisa dhukkubaa argatan namootni ittisa dhukkubaa kan hin qabne akka dhibee kanaan akka hin qabamne ni grgaara akkasumas dhukkubicha akka hin baballanne fi akka dhaabbatu ni gargaara.
- COVID 19 dhukkuba haraa waan ta’eef waa’ee ittisa dhukba gamtaa
(herd immunity) guutummaatti qorachuuf yeroon hin argamne.
- Namni tokko COVID 19 erga qabamee fayyee booda deebi’e dhukkubichaan qabamuun isaa hin bekamu.
- Yeroo tokko dhukkubsatanii erga fayyanii booda, lammaffaa yoo qabamani dhukkubnii namatti jabaata, ykn ni laaffataa hin beekamu.
- Namni yeroo tokko erga dhukkubsatee fayye booda, yeroo lammaffaa COVID-19 qabamuun ykn nama gara biraatti dabarsuu danda’uun isaa hin bekamu.
Talaalin (vaccination) qabaachuun namootni baayyeen ittisa dhukkuba gamtaa osoo hin dhukkubsatin argachuu akka danda’an ni gargaara. Garuu, Uummatni uumaa dhaan ittisa dhukkubaa akka argatan yoo itti dhiifamee hawaasa Minnesota hedduun ni dhukkubsatu ykn du’aaf illee ni saaxilamu. Talaaliin namootni osoo hin dhukkubsatin ittisa akka qabaatan ni gargaara.
Dhaamsi Kun kan Gartuu Fayaa Minnesotati.